Acts 28:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan guyyaa Phawuloos woliin wol dhagganu qabatanee, guyyaa san heddatanee addee Phawuloos jiru dhufane. Inni ganamaa jalqabee haga galgalaa marroo Mootummaa Waaqaa isaaniif dhugaa bayee, marroo Yesuusii kitaaba Muuse'eetii fi raagotaa keessaa itti himaa isaan dhugeeffachiisiisaaf wodhaane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya tolfatani, nami hedduuni fulla Pauloni tau d'ufe. Inni diirama haga galgala achiti worra barsiise waan finna Waaqaa worraa diige, waan Yeso ka kitaaba Seera Musatiifi ka raagoota keesati t'aafani worra agarsiise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa tolfatanii sun, namii hedduun fulaa Phaawulos taa'u dhufe. Innii diiramaa haga galgalaa achitti warra barsiisee waan Mootummaa Waaqaa warraa diigee, waan Yesus ka kitaaba Seera Muuseetii fi ka raagootaa keessatti barreessaniillee warra agarsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa qabaniifii heddu ta'anii gara mana inni keessa jiraatuu dhaqan. Waan jeennata Rabbii raga'aa, waan Yesuusillee Seera Muuse'eetii fi raattotaa keessaa hima'aa hubachiisa'aa ganamaa haga galgalaa isaanii ibsa'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa qabaniifiiti heddu ta'anii gara mana inni keessa jiraatuu dhaqan. Waan jeennata Rabbii raga'aa, waan Yesuusillee, Seera Muuse'eetii fi raattotaa keessaa hima'aa hubachiisa'aa ganamaa haga galgalaa isaanii ibsa'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eega guyyaa beellamaniifiin duubatti, namoota baay'ee ta'anii gara mana isaa ka jireennaa ni dhufan, Inni'llee ganamaa irraa haga galgalaa titti, waayee Mootummaa Waaqaa ragaa bayuun yaada isaa isaaniif ni ibise, inni'llee isan amansiisuuf Seera Musee Kristosiitiif kitaabban nabiyyootaa irraa tuquun'llee, waayee Yesusii isaan ni hubachiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan guyyaa Phawuloos woliin wol dhagganu qabatanee, guyyaa san heddatanee addee Phawuloos jiru dhufane. Inni ganamaa jalqabee haga galgalaa marroo Mootummaa Waaqaa isaaniif dhugaa bayee, marroo Yesuusii kitaaba Muuse'eetii fi raagotaa keessaa itti himaa isaan dhugeeffachiisiisaaf wodhaane.