Acts 28:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
sababille qalbiin kolbaa tanaa dillootteerti; gurri isaanii cuqqalameera, ila ifiille dunuunfataneeran. adoo akkas hin te'inii, silaa ilti isaanii dhaggitee, gurri isaanii dhage'ee, qalbiin isaanii hubattee, sila gara kiyya deebi'anee, anille isaan fayyiseeraayyu’ jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Garaani gumi tana ya daallae. Gurri worraa ya duude, ilti worraa woma ingartu. Waaqi waan jed'u, Yo sila akasi intahiini, ilti worraa wo agarte, gurri worraa wo d'agaye, qalbiini worraa wo hubate worrileeni nati deebie, anileeni worra fayyisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Garaan gumii tanaa ya daalla'e. Gurrii warraa ya duude, iltii warraa homaa hingartu. Yo silaa akkas hinta'in, ilti warraa wa agartee, gurrii warraa wa dhagayee, qalbiin warraa wa hubatee warriilleen natti deebi'ee, anileen warra fayyisa’ jedhee duubbii dhugaa dubbate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garaan banii kanaa jabaateera; Ija isaaniitiin akka hin argine, gurra isaaniitiinillee akka hin dhageenne; Qalbii isaaniitiin akka hin hubanne, deebi'eellee akka isaan hin fayyifne, Gurri isaaniillee duudeera, ija ufiillee dunuunfataniiran› jedhee waan mishaa dubbate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Garaan banii kanaa jabaateera; Ija isaaniitiin akka hin argine, gurra isaaniitinillee akka hin dhageenne; Qalbii isaaniitiin akka hin hubanne, deebi'eellee akka isaan hin fayyifne, Gurri isaaniillee duudeera, ija ufiillee dunuunfataniiran› jedhee waan mishaa dubbate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Onneen namoota kanniinii jaabaattee jirtti, gurri isaanii'llee duudee jira, ijji isaanii'llee cufamttee jirtti, akkana ta'uu uduu dhabaatee, ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagayanii, onnee isaanii titti'llee hubatanii, gara kiyya ni deebi'anii, isaan ni faayyisa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababille qalbiin kolbaa tanaa dillootteerti; gurri isaanii cuqqalameera; ila ifiille dunuunfataneeran. Adoo akkas hin te'inii, silaa ilti isaanii dhaggitee, gurri isaanii dhage'ee, qalbiin isaanii hubattee, sila gara kiyya deebi'anee, anille isaan fayyiseeraayyu› jedhe.