Acts 28:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti oddoola sanii, buutiin harka Phawuloosiititti rarrateertuun dhagganee, “Namichi kun nama dhiigaa ti; inni abbaayaa guddittii keessaa nageyaan bawulle, muraa Waaqaa jalaa bayee, jiru'uun le'iisa hin dandeenne” woliin jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri sunini bineensa kaani, ka harka isati maratu arginaani waan woliini jed'e, Namichi kunini nama ijeesu ind'abu; yo inni nagayaani bisaani keesaa bahele, d'ugaani aka inni jiraatu imfeetu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii lafaa ammoo bofa kaan, ka harka Phaawulosiitti rarra'u arginaan, “Namichii kunin nama ijjeessuu hindhabu; adoo nagaan bisaan keessaa ba'eellee, dhugaan akka innii jiraatu hinfeetu” waliin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri gooba bisaaniin marfamte san irra jiraatan ka Aramaayoota jedhaman hennaa bofti harka isaa irratti rarra'e arganii, «Namni kun dhugamaan nama guma'aati; yoo garba keessaa nagayaan bayellee, murtii Rabbii jalaa bayee jiraatuu hin dandeenne» woliin jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri gooba bisaaniin marfamte san irra jiraatan Aramaawota jedhaman, hennaa bofti harka isaa irratti rarra'e arganii, «Namni kun dhugamaan nama guma'aati; garba keessaallee yoo nagayaan bayellee, murtii Rabbii jalaa bayee jiraatuu hin dandeenne» woliin jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
namoonni Malaaxiya'aa bofnni harka Phaawulosii irratti rarra'ee yeroo arganitti, «Kun dhugamaanuu nama lubbu-ajeesa'a! Danbalii garba ciisa'aatii nagayaan yoma baayu'llee, murtii Waaqa jalaa bayee lubbu'uun jiraachu'uuf hin danddeenne» woliin ni jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti oddoola sanii, buutiin harka Phawuloosiititti rarrateertuun dhagganee, «Namichi kun nama dhiigaa ti; inni abbaayaa keessaa nageyaan bawulle, muraa Waaqaa jalaa bayee, jiru'uun le'iisa hin dandeenne» woliin jedhane.