Acts 28:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan, “Nafi isaa ammaa iitowa yookiin ammaa lafa dhayee du'a” jedhaa eegaaraniiyyu. Guddoo eeganeen duuba ammoo akka womaa te'aa hin jirre dhagganee, yaada ifii jijjiiranee, “Inni waaqa” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan harki isaa itae yokhaani inni maro tokotu lafa d'ae duu sehe. Ammo worri guddo eege, aka inni woma intahiini arginaani heregi worraa garagale, Inni Waaqa jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii waan harkii isaa iita'ee yokaan innii yoma tokkoon lafa dha'ee du'u sehee, guddoo eegee, ammoo akka innii homaa hinta'in arginaan herregii jijjiiratanii, “Innii Waaqa” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee «ammaa iitayee yookaan bakkumattuu kufee du'a» jedhanii eega'aa turan. Guddisanii eeganii isa irratti waan nama maalalchiisu womaa arguu haga dhaban, «Kun sirimaa Waaqa» jedhanii yaada ufii jijjiiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee ammaa iitayee yookiin bakumattuu kufee du'a jedhanii eega'aa turan. Guddisanii eeganii isa irratti waan nama maalalchiisu womaa arguu haga dhaban, kun sirimaa, «Waaqa» jedhanii yaada ufii jijjiiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni'llee, «Ammaa amma qaaminni isaa ni iitaya, yookiin dimmaa du'ee ni kufa» jechuun ni eeggatan ture. Garuu yeroo baay'ee eeggataniinii, miidhaan woyiituu isa irra akka hin gayin yeroo arganitti yaada isaanii jijjiiraniiti, «Kun ammoo Waaqa!» ni jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan, «Nafi isaa ammaa iitowa yookiin ammaa lafa dhowee du'a» jedhaa eegaaraniiyyu. Guddoo eeganeen duuba ammoo akka womaa te'aa hin jirre dhagganee, yaada ifii jijjiiranee, «Inni waaqa» jedhane.