Acts 28:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Bulchaan oddoolaa ka Phophlii'os jedhamu tokko, addee san biraa lafa qabaayyu; inni mana ifiititti nu fudhatee, haga guyyaa sadii akka dansaa nu keessunsiise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'awatu suni, oobru nama gudda lafa suniti jira, ka maqaani isaa Publio. Inni nu bulche haga guyya sadi nu keessuma isaa taane.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii guddaa lafaa ka Phophlii'os jedhan tokko dhaattuu sunii, oobruu qabaa; innii mana ufiitti nu yaamee, haga guyyaa sadii nu keessummoomise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bakka san bulchaa Pupiliyoos jedhamutu ture. Inni keessummummaa nu simatee guyyaa sadihii jaalalaan nu bulche.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bakka san bulchaa Pupiiliyoos jedhamutu ture. Innillee keessummummaa nu simatee, guyyaa sadihii jaalalaan nu bulche.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achi bakka ture san biratti, bulchaan eddoolaa lafa Phophlii'osii tittu jira ture, naminni kun'llee mana isaa titti nu simatee, guyyaa sadihiif haala misha'aan nu ni keessummeesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bulchaan oddoolaa ka Phophlii'os jedhamu tokko, addee san biraa lafa qabaayyu; inni mana ifiititti nu fudhatee, haga guyyaa sadii akka dansaa nu keessumsiise.