Acts 28:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gaafas abbaan Phophlii'osii dhukkuba nafa o'isuu fi albaasuun dhibamee irkateeraayyu. Phawuloos gara isaa ilaaliisaaf seenee, isaaf daadimatee, harka ifii isa irra keyee fayyise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abbaani Publio fayya d'abe qannate d'iiga albahe. Pauloni fulla isaa olseene Waaqa kad'ate, harka isa ira kaye isa fayyise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Abbaan Phophlii'os fayyaa dhabee qandhatee dhiiga alba'e. Phaawulos mana innii ciisu olseenee Waaqaa kadhateefii, harka isa irra kaa'ee isa fayyise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan Pupiliyoosii haxaxxe'ee fi baasa'aan dhibamee ciisee ture. Phaawuloos gara isaa seenee Rabbiin kadhateefii harka ufiillee isa irra kaayee jennaan namichi fayye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abbaan Pupiiliyoosii haxaxxe'ee fi baasa'aan dhibamee ciiseera. Phaawuloos gara isaa seenee Rabbiin kadhateefii harka ufiillee isa irra kaayee jennaan namichillee fayye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti abbaan Phophlii'osii holata'aa fi baasaan qabeenii dhukkubssatee ciisee jira ni ture, Phaawulos'llee gara isaa aseenee ni kadhateef, harka isaa'llee irraa kaayee ni fayyiseen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafas abbaan Phophlii'osii dhukkuba nafa o'isuu fi albaasuun dhibamee irkateeraayyu. Phawuloos gara isaa ilaaliisaaf seenee, isaaf daadimatee, harka ifii isa irra keyee fayyise.