Acts 3:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan inni kadhaticha karra “Midhaadduu” jedhantu dura tee'ee kadhatu kaan akka te'e yennaa beekane, waan namicha irratti te'e kanatti maalalanee baaseffatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka inni nama balbala Mana Waaqa ta Mid'aadu jed'ani dura tae woi kad'atu beennaani, waan inni tahe kana guddo mamani maadefatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
akka innii nama balbala Mana Waaqaa ta Midhaadduu jedhanii dura taa'ee wa kadhatuu kaanii beennaan, waan innii ta'e kana guddoo mamee maadeeffate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Namni kun ka dur balbala mana woyyuu seenaniin keessa taa'ee kadhatu san akka ta'e beekanii waan isa irratti ta'e san maalala'aa baaseffachuu jalqaban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hulee, «Michuu» jedhamtutti balbala mana woyyu'uu taa'ee kadhata'aa ka ture isa akka ta'e beekanii, isa irratti waan ta'e arganii maalala'aa baaseffatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Balbala bareeda» jedhama'aa ka waamamu, Mana Waaqeffanna'aa bira'llee taa'ee, arjooma ni kadhata ka ture isaa ta'uu isaa ni beekan, isa irratti'llee waan raawwatameen, malalffachu'uu fi dinqisiiffachuu'llee jala ni qaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan inni kadhaticha karra «Miidhadduu» jedhantu dura tee'ee kadhatu kaan akka te'e yennaa beekane, waan namicha irratti te'e kanatti maalalanee baaseffatane.