Acts 3:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Pheexroos gumii wolitti qabante san dhaggee, “Worra Israa'elii maaf waan kana baaseffattan? Maaf nu hubattanee ilaaltan? Nuuti hunna teennaan yookiin hujii teenna dansa'aan nami kun akka ideemu waan goone seetanii?” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Petroni waan kana arginaani waan biyyaani jed'e, Worra Israeli, maafi waan kana mamtani sonaani nu ilaaltani, aka waan nu jabeenna keennaani yokhaani qulqullooma keennaani nama kana fayyimne?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phexros waan kana arginaan biyyaan, “Warra Israa'el, maaf waan kana mamtanii ila nutti qabdan akka waan nu jabeenna keennaan yokaan qulqullooma keennaan nama kana fayyimnee deemsinyee, nu laaltan?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroos hennaa kana arge akkana isaaniin jedhe, «Isin namoota Israa'elii! Maaf waan kana maalalfattan? Yookaan waan hunna mataa keennaatiin yookaan Rabbiin sodaachuu keennaan akka waan inni ka'ee deemuu akka waan nu goonee maaf xiinxallitanii ija keessa laaltan?»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroos akkana jedhee bani'ii deebise, «Isin namoota Israa'elii! Waan kana maali'iif maalalfattan? Yookiin waan hunna mataa keennaatiin yookiin Rabbiin sodaachuu keennaan akka waan inni ka'ee deemuu akka waan nu goonee maali'iif xiinxallitanii ija keessa laaltan?»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros'llee namoota yeroo argetti akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa namoota Israa'eelii! waan kanaan waayee maali'iitiif maalalffattan? Maali'iif'llee guutattanii nu laalttan? Nu huminna keennaan yookiin hujii keenna misha'aan kana ka naminni akka tarkaanffatu taasise, waan taasfinne isinitti ni fakkaataa ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Pheexroos gumii wolitti qabante san dhaggee, «Worra Israa'elii maaf waan kana baaseffattan? Maaf nu hubattanee ilaaltan? Nuuti hunna teennaan yookiin hujii teenna dansa'aan nami kun akka ideemu waan goone seetanii?» isaaniin jedhe.