Acts 3:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi abbootii teennaa, ka Abrahaamii, ka Yisihaaqiitii fi ka Yaaqoobii, ilma ifii Yesuus ulfeesseera. Isin ammoo harka Philaaxosiititti dabarsitanee kennitane; Philaaxos isa lakkisiisaaf barbaadulle, isin isa diddane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqotiifi ka Yakobotiifi Waaqa aabbooti teennati jabeenna Hojattu isaa Yesoti kenne. Isani harka jara gugurdati isa kennitani Pilato durati isa mormattani, eegi Pilatoni isa lakisu fed'ele.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqaa Abrahaam, ka Yisihaq, ka Yaaqoobiitii fi Waaqaa abbootii teennaatti hojjataa isaa Yesusii ulfinna kenne. Isan harka jara gugurdaatti isa kennitanii eegii philaaxoos isa lakkisuu fedheellee fuula Philaaxoos duraatti isa mormattan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waandhi abboota teenna Abrahaamii, Yisaaqii, Yaaqoobii ilma ufii Yesuusiin hin kabajje; isin garuu akka du'uuf dabarsitanii kennitan; yoo Philaaxoos isa hiikuu barbaade san isin isa afo'otti isa waakkattan;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waandhi Abrahaamii, Yisihaaqii, Yaaqoobiitii fi Waandhi abbootii keennaa ka isin dabarsitanii kennitanii fi ka Philaaxoos uduu hiiku'uuf kutateeru ka isin gantan san Ilma ufii Yesuusiin kabajjeera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni abbootii keennaa ka Abrahaamii, ka Yisihaaqiitii fi Waaqinni Yaaqoobii Ilma isaa Yesusiin ni kabajeen, isin garuu isa Pilaaxosiin duratti dabarssitanii ni kennitaniin, Pilaaxos'llee gad dhiisuunii yoma barbaade'llee isin garuu, ‹hin barbaannu!› jettan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi abbootii teennaa, ka Abrahaamii, ka Yisihaqiitii fi ka Yaaqoobii, ilma ifii Yesuus ulfeesseera. Isin ammoo harka Philaaxoosiititti dabarsitanee kennitane; Philaaxoos isa lakkisiisaaf barbaadulle, isin isa diddane.