Acts 3:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Ammalle obboleeyyan tiyya, waan Yesuus irratti gootane, isinille akkuma bulchitoota teessanii wollaalchaan akka gootane hin beeka.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba, oboleyaani tiyya, anini imbeekha, aka wonti isanifi jaaroleeni teesani Yeso tolchite daalluma.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba, obboleeyyan tiyya, anin akka isanii fi jaarroleen teessan adoo hinbeekiin waan kana Yesus tolchitan inbeeka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Amallee obboleeyyan tiyya! Isin akkasuma akka bulchoota keessanii wollaalaan akka gootan beekeera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Amallee obboleeyyan tiyya! Isin akkasuma akka bulchoota keessanii wol laalaan akka gootan beekeera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Amma'llee yaa obboleeyyan! Yesusiin irratti waan raawwattan isin'llee akkuma itti gaafatamoota keessan titti beekkomissa dhabuu keessaniin, akka raawwattan ni beeka.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ammalle obboleeyyan tiyya, waan Yesuus irratti gootane, isinille akkuma bulchitoota teessanii wollaalchaan akka gootane hin beeka.