Acts 3:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achi “Karra midhaadduu” jedhantu dura, namichi haga dhalatee jalqabee naafa te'e tokko jiraayyu; inni worra Galma keessa seenanu irraa akka beesee kadhatuuf guyyaa mara ba'atanee balbala dura isa keyan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama toko ka haguma d'alate miili naafateeti jira. Guyya ch'ufa isa fuud'ani, fulla balbala Mana Waaqa ta mid'aadu jed'ani kayani, aka inni nama Mana Waaqa seenu hori kad'atu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama tokko ka haguma dhalatee miilii naafaatti jira. Guyyaa cufaa isa fuudhaniitti, fulaa balbala Mana Waaqaa ta midhaadduu jedhanii kaa'an, akka innii nama Mana Waaqaa seenu horii kadhatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra mana woyyuu seenan irraa waa kadhatu'uuf, nama namoonni baadhatanii gara balbala mana woyyu'uu ka maqaan isaa «Midhaagaa» jedhamuu fidanii guyya guyya'aan achi kaayan tokkotu ture. Inni urga dhalate irraa jalqabee nafti isaa naafa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra mana woyyuu seenan irraa waa kadhatu'uuf, nama namoonni baadhatanii gara balbala mana woyyuu ka maqaan isaa «Midhaagaa» jedhamuu fidanii guyya guyya'aan achi kaayan tokkotu ture. Innillee urga dhalate irraa jalqabee nafti isaa naafa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achi'llee balbala, «Bareeda» jedhama'aa waamamutu jira ture, yeroo dhalatee jala qabee namichi naafa ta'e tokko namoonni guyyama guyyaan fidanii achi ni kaayaniin ture, inni'llee achi taa'ee, namoota gara Mana Waaqeffanna'aa aseenan irraa arjooma ni kadhata ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achi «Karra miidhadduu» jedhantu dura, namichi haga dhalatee jalqabee naafa te'e tokko jiraayyu; inni worra Galma keessa seenanu irraa akka beesee kadhatuuf guyyaa mara ba'atanee balbala dura isa keyan.