Acts 3:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin sanyii ragotaati; akkasuma gondooroo Waaqi abbaa keessan Abrahaamiin, ‘Ani karaa sanyii teetiitiin kolbaa lafaa duudii hin eebbisa’ jedhee gondoore worra dhaalu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kakhuuni Waaqi afaani raagootatiini kakhate teesani, isanileeni wold'aqisa Waaqi abbooti teesani woliini tolche qoodattani. Akuma inni Abrahamuuni jed'e, D'aloota keetiini anini nama lafa ch'ufa eebisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kakuun Waaqii afaan raagootaatiin kakate teessan; isaniilleen waldhaqiisa Waaqii abbootii teessan waliin tolche qoodattani. Akkuma Waaqii Abrahaamiin, ‘Dhaloota keetiin nama lafaa cufaa eebbisa’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin ijoollee raattotaati; akkasuma Rabbi Abrahaamiin, ‹sanyii keetiin baniin biyya lafaa maruu eebbifama› jedhee worra waadaa inni kenne dhaalutu isin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin ammoo ijoollee raattotaatii fi Ilmaan kaku'uu ka Rabbi abbootii keessan woliin seene, Abrahaamiin sabni lafa irraa cufti, ‹Karaa fiixaa keetiitiin eebbifama› jedhe sanii ti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin dhaalitota nabiyyootaati, akkuma kana Waaqinni Abrahaamiif, ‹arddii irra ummatoonni jiran marrinuu fiixaa keetiin ni eebbifaman› jedhee, abbootii keennaan woliin waadaa aseene, isin dhaalitota.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin sanyii raagotaati; akkasuma gondooroo Waaqi abbaa keessan Abrahaamiin, ‹Ani karaa sanyii teetiitiin kolbaa lafaa duudii hin eebbisa› jedhee gondoore worra dhaalu.