Acts 3:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni harka middicha isaa qabee ol kaase; yoosuma miilaa fi gulubiin isaa jabaatte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Petroni harka mirgicha isaa qabe oli kaase. Hojuma suni faanafi koometuuni isaa jabaatte,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Phexros harka mirgicha isaa qabee ol kaase. Yoma sun faanaa fi koomettuun isaa jajjabaatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harka mirgaatiin qabee ol kaaseen; yoma san luttinii fi mogoleen jabaate. Innillee yoosuu ol utaalee dhaabatee deddeemuu jalqabe,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Harka mirgaatiin qabee ol kaaseen hennama san luttinii fi mogoleen hin jabaate. Innillee yoosuu ol utaalee dhaabatee deddeemuu jalqabe,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Harka isaa ka mirgaa'llee qabee ol ni kaaseen, bakkumatti miilli isaatii fi koroonccoon isaa'llee ni jabaate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni harka middicha isaa qabee ol kaase; yoosuma miilaa fi gulubiin isaa jabaatte.