Acts 4:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namichi amma fayyee isin dura dhaabbattu kun, maqaa Yesuus Kiristoosii nama Naaziretiitiin akka fayye, marti keessanii fi kolbaan Israa'elii martinuu beeka'a! Isin Yesuus fannittanee ijjeettane; Waaqi ammo du'a keessaa isa kaase.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
isaniini ch'ufti beekhu maltani, ammalle gochiti Israeli ch'ufti hubachu malte, namichi kunini jabeenna maqa Yeso Kristo Nazareti, ka isani ijeeftani Waaqi duisa keesaa kaaseeni fayya ufitiini isani dura eja.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
akka namichii amma fayyee isan dura ejju kunin jabeenna maqaa Yesus kiristoo nama Naazireetii, kan isan ijeechanii Waaqii du'a keessaa kaaseen fayyee, isaniin warrii Israa'eliilleen cutii beekaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka isin fanniftaniin, ka Rabbillee worra du'an keessaa kaase, maqaa Yesuus Kiristoosii Naazireeti'iitiin namichi kun fayyaa ta'ee afoo keessan akka dhaabate isinii fi banii Israa'elii maraa afo'otti ka beekkame haa ta'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka isin fanniftaniin ka Rabbillee worra du'an keessaa kaase, maqaa Yesuus Kiristoosii Naazireetitiin namichi kun fayyaa ta'ee afoo keessan akka dhaabate isiniif banii Isiraa'elii maraa afo'otti ka beekkame haa ta'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni kun fayyee durana keessan ka dhaabate, isin ka fannifttaniinii fi Waaqinni garuu du'aa ka isa kaaseen, maqaa Yesus Kristosii Naazireetiitiin akka ta'e, isin mara keessan fi ummata Israa'eelii maraaf, ka beekkame haa ta'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi amma fayyee isin dura dhaabbatu kun, maqaa Yesuus Kiristoosii nama Naaziretiitiin akka fayye, marti keessanii fi kolbaan Israa'elii martinuu beeka'a! Isin Yesuus fannittanee ijjeettane; Waaqi ammoo du'a keessaa isa kaase.