Acts 4:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Fayyinni karaa Yesuus Kiristoosii qofaan malee, karaa dhibi'iin hin jiru; akka nuuti ittiin fayyinuuf, maqaan Waaqi namootaaf kenne, isa qofa malee, biyya lafaa duudii irra ka dhibiin hin jiru” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bahisi isa ch'alla keesa jira, nami d'ibiini ka Waaqi namaa kenne lafa keesa injiru, ka nu dandeenne baanuuni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ba'iisii karaa isaa callaan jira, namii dhibiin ka Waaqii namaa kenne ka nu dandeenne baanuun lafa gubbaa hinjiru” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu ooluun karaa biraa karaa eennuutiinillee hin jiru; maqaan akka nu ittiin baanuuf kenname ka namoota oolchu sami'ii gaditti Yesuusiin malee ka biraa hin jiru.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fayyinni karaa biraa karaa eennuutiinillee hin jiru, maqaan akka nu ittiin fayyinuuf kenname ka namoota fayyisu samii gaditti Yesuusiin malee, ka biraa hin jiru.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf, fayyinni isa malee ka bira'aa eennuun'llee hin jiru, nu'u ittiin fayyuu ka nuun malu Waaqinni namootaaf maqaan kenne, isa malee biyya lafaa eennu'llee hin jiru» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fayyinni karaa Yesuus Kiristoosii qofaan malee, karaa dhibi'iin hin jiru; akka nuuti ittiin fayyinuuf, maqaan Waaqi namootaaf kenne, isa qofa malee, biyya lafaa duudii irra ka dhibiin hin jiru» jedhe.