Acts 4:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Pheexroosii fi Yohaannis sodaa malee akka dubbatane miseensoti koraa yennaa dhaggane, akka isaan barumsa guddaa hin qanne waan beekanuuf, worri kora mura'aa baaseffatane. Teetu malee akka isaan Yesuus woliin turaneeranu isaaniif gale.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaaroleeni kora jannooma Petrofi Yohana arginaani, ammalle aka worri woma insoomiini hubannaani mamte, aka worri Yeso woliini tae beekhani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jaarroleen koraa jannooma phexrosiitii fi Yoh. aannisii arginaan, akka warrii homaa hinbaratin ammallee akka warrii hinbeekamne hubannaan, mamanii, akka warrii Yesus waliin taa'e beekan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroosii fi Yohaannis addaataa akka dubbatan haga argan namoota Kitaaba hin beennee fi worra hin baranne ta'uu isaanii hubatanii Yesuusiin woliin akka turan beekanii maalalfatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroosii fi Yohaannis addaataa akka dubbatan haga argan, namoota Kitaaba hin beenneef hin baranne ta'uu isaanii hubatanii Yesuusiin woliin akka turan beekanii maalalfatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexirosii fi Yohaannis uggiinsaan dubbachuu isaanii miseensonni yaa'ii yeroo arganitti, namoota hin baratin wollaalttota ta'uu isaanii ni beekan waan tureef ni maalaliffatan, Yesusiin woliin akka turan'llee ni beekan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Pheexroosii fi Yohaannis sodaa malee akka dubbatane miseensoti koraa yennaa dhaggane, akka isaan barumsa guddaa hin qanne waan beekanuuf, worri kora mura'aa baaseffatane. Teetu malee akka isaan Yesuus woliin turaneeranu isaaniif gale.