Acts 4:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan tana yennaa dhage'ane, qoonqoo ifii addee tokkotti ol qabatanee daadimataan gara Waaqaa, “Gootta'a, ol-gubbaa, lafa, Abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii ka dade si'i.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba gumiini suni waan kana d'ageennaani, garaa tokooni Waaqa kad'ate waan jette, Aabbo gudda, atini Waaqa lafafi gubba uume galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba warrii waan kana dhageennaan, qoonqoo olfudhatee waliin Waaqaa kadhatee, “Aabboo guddaa, atin Waaqaa lafaa fi gubbaa, galaanaa fi waan warra keessa jiraallee cufaa uumte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan hennaa waan kana dhagayan garaa tokko ta'anii laagaa ol qabatanii Rabbiin akkana jedhan, «Gooftaa keenna! Ati ka ardii, samii, galaanaa fi waan isaan keessa jiraatan maraa uumte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee hennaa waan kana dhagayan, garaa tokko ta'anii laagaa ol qabatanii Rabbiin akkana jedhan, «Gooftaa keenna!, Ati ka ardii, samii, galaanaa fi waan isaan keessa jiraatan maraa uumte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee kana yeroo dhagayanitti qooniqqa isaanii tokkumma'aan ol fudhatanii, gara Waaqaa akkana jechuun ni kadhatan, Samii, arddi'ii fi garba ciisaa, waan isa keessa jiraatan mara ka uumitte, yaa Waaqa jiraataa
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan tana yennaa dhage'ane, qoonqoo ifii addee tokkotti ol qabatanee daadimataan gara Waaqaa, «Gootta'a, ol-gubbaa, lafa, Abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii ka dade si'i.