Acts 4:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan daadimataneen duuba, addeen isaan itti wolitti qabamane tachoote. Isaan duudiin Ayyaana Woyyichaan guutamanee sodaa malee jecha Waaqaa lallabane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi Waaqa kad'atani, fullaani worri iti kad'atu chochoote, worri ch'ufti Lubbu Qulqullooni guutame, soda male dubbi Waaqa dubbatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii Waaqaa kadhatani, fulaan warrii itti walitti qabamee chochootee, warrii cuftii Hafuura Qulqulloon guutamee, adoo hinsodaatin dubbii Waaqaa dubbate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga Rabbiin kadhataniin maayii huleen isaan itti wol gayanii turan sun hin socho'e; Isaan maruu Ayyaana Woyyu'uun guuttamanii dubbii Rabbii addaataa dubbatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga faateeffataniin maayii huleen isaan itti wolgayanii turan sun hin socho'e. Isaan marattuu Ayyaana Woyyuu guute, dubbii Rabbiillee addaataa dubbatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kadhanna'aa eega xumuraniin duubatti, bakki itti wol gayanii jiran ture ni raafame, marri isaaniituu Hafuura Qulqulluun ni guuttaman, dubbii Waaqaa'llee sodaa malee uggiinssaan ni dubbatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan daadimataneen duuba, addeen isaan itti wolitti qabamane tachoote. Isaan duudiin Ayyaana Woyyichaan guutamanee sodaa malee jecha Waaqaa lallabane.