Acts 4:33 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergantooti hunna guddo'oon du'aa ka'iisa Goottaa Yesuusii dhugaa bayane. Waaqille isaan mara irratti eebba guddaa jisseeraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jabeenna guddaani waan kaisa Aabbo Yeso odeesani, Waaqileeni guddise worra eebise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamtootii jabeenna guddaan waan ka'iisa Aabboo Yesus dubbatee, Waaqiilleen warra cufa guddisee eebbise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ergamtoonnillee du'aa ka'iitii Goofta Yesuus Kiristoosii hunna gudda'aan ragaa bayan. Maraa irra badhaadha gudda'atu jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eergamtoonillee du'aa ka'iitii Goofta Yesuus Kiristoosii hunna gudda'aan ragaa bayan. Maraa irra badhaadha gudda'atu jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ergamittoonni'llee du'aa ka'iinssa Gooftaa Yesusii huminna ol aana'aan ragaa ni bayan turan, mara isaaniituu irra'llee kennaan Waaqaa ka bilisaa ol aanaan ni jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergantooti hunna guddo'oon du'aa ka'iisa Goottaa Yesuusii dhugaa bayane. Waaqille isaan mara irratti eebba guddaa jisseeraayyu.