Acts 4:34 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan keessa rakkataan tokkolle hin jiru. Worri lafa yookiin mana qabanu martinuu gurguranee beesee fidanee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami tokoleeni ka gaargala qabu worra keesa injiru. Nami oobru yokhaani mana qabu, ch'ufa gurgure, hori suni ch'ufa guure,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii tokkoolleen ka gaargala qabu warra keessa hinjiru. Namii oobruu yokaan mana qabu cufa gurgureetti, horii sun cufaa fidee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan jidduu rakkataan tokkollee hin jiru; lafa yookaan mana qaban maraa gurgura'aa gatii itti gurgurame fida'aa,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan jidduu rakkataan tokkollee hin jiru lafa yookiin mana qaban maraa gurgura'aa gatii itti gurgurame fida'aa,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Lafa yookiin mana ka qaban marrinuu gurgura'aa qarshii ni fidan waan tureef, jidduu isaanii rakkataan tokko'llee hin turre.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessa rakkataan tokkolle hin jiru. Worri lafa yookiin mana qabanu martinuu gurguranee beesee fidanee,