Acts 5:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isiin yoosuma miila Pheexroosii jalatti jiddee duute. Dargaggooti yennaa dhufane duuteertuun dhagganee, ba'atanee baasanee abbaa manaa isi'ii biratti awwaalane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini hojuma suni miila isaa durati jidde doote. Jari kaima kaani olduunnaani isi doote argani duuba baatani d'aqani d'awatu d'iirsa isiti awaalani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isiin yoma sun miila isaa duraatti jiddee doote. Jarii ka'imaa kaan olduudee akka isiin doote argannaan baatee dhaqee dhaattuu dhiirsa isitti awwaale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiinillee yoma san luka isaa jalatti kuftee duute; dargaggeeyyiin hennaa seenan ka duuteertu arganii reeffa isi'ii baasanii awwaala abbaa manaa laddatti awwaalan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isiinillee yomasan luka isaa jalatti kuftee duute; dargaggoonni hennaa seenan ka duuteertu arganii reeffa isi'ii baasanii awwaala abbaa manaa laddatti awwaalan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isiin'llee dimmaa miila isaa jalatti kuftteeti ni duute, gayeeyyiin'llee yoo galan duutee argataniiniiti, fidanii abbaa worraa isi'ii biratti ni awwaalaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin yoosuma miila Pheexroosii jalatti jiddee duute. Dargaggooti yennaa dhufane duuteertuun dhagganee, ba'atanee baasanee abbaa manaa isi'ii biratti awwaalane.