Acts 5:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Baasaa fi bilibaasi hedduun kolbaa oddu'utti ergantootaan hujamane. Dhugeeffattooti duudiin soroo manaa ka Solomoonii jalatti wolitti qabamaaraniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Harki ergattu akheekhafi waan mama heddu gumi keesati tolche. Worri ch'ufti garaa tokooni balbala Solomoni jed'aniti wolwoldae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akeekaa fi wantii mamaa hedduun gumii keessatti harka ergamtootaatiin hojjatameettee, warrii dhugeeffate cuftii balbala Solomoon ta jalaan seenan irratti walga'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harka ergamtootaatti malkanni hedduu fi maalaleen banii jiddu'utti ta'e. Maruu yaada tokko ta'anii bakka mana utubaa wogga'aan qabamee ka balbala Solomooniititti wol gayan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Harka ergamtootaatti malkanni hedduu fi maalaleen banii jiddu'utti ta'e. Maruu yaada tokko ta'anii bakka mana utubaa wogga'aan qabamee ka balbala Salamooniititti wolgayan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Baasonni baayi'e'ee fi wonittoonni baasaa ummata jiddu'utti harka ergamittootaa titti ni raawwataman ture, marrinuu onnee tokkoon ta'anii xurree keessa dedeebi'iinssa Solomoonii titti, wol ni gayan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baasaa fi bilbaasi hedduun kolbaa oddu'utti ergantootaan hujamane. Dhugeeffattooti duudiin soroo manaa ka Solomoonii jalatti wolitti qabamaniiyyu.