Acts 5:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo haadha manaa ta ifii woliin wolii galiisaan beesee irraa hamburatee, taan fidee ergantootatti kenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
hori haga gari, ka niitiini isaa beetu, hambifate, ka hafe kaani ergattuti kenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
horii haga garii, ka niitiin isaa beettu, irraa hambifatee, ka hafe kaan ergamtootaatti kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni woma haati manaa isaa beettutti gurguree waan itti gurgure san keessaa hambifatee wodhakkaa fidee ergamtootatti kenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee woma haati manaa isaa beettutti gurguree waan itti gurgure san keessaa hanbifateeti wodhakkaa fidee worra ergamootaatitti kenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
haati worraa isaa'llee uduma beekitu gurgurttaa lafaa irraa wolakkaa hanbiseeti, wolakkaa fidee ergamittootatti ni kenne,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo haadha manaa ta ifii woliin wolii galiisaan beesee irraa hamburatee, taan fidee ergantootatti kenne.