Acts 5:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan dubbii tana fudhatanee, akkuma latti bariiteen Galma Waaqaa seenanee barsiisuu jalqabane. Hayyichi guddaan worra isa gargaaranu woliin dhufee, miseensota kora mura'aatii fi jaarsota Yihudootaa woliti waamee, ergantoota worra hidhamaneeranu san fichisiisu'uuf gara mana hidha'aa nama erge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasi d'ageennaani worri Mana Waaqa ganamaani duude nama barsiise. Jennaani Qaallicha Guddafi waheli isaa ch'ufti d'ufani, jaarole kora wolti yaamani, akasi jechaani jaarole ch'ufa ta gosa Israeli jecha; duuba nama mana hid'aansati ergani, ergattu yaamani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii dubbii tana dhageennaan Mana Waaqaa ganamaan duudee nama barsiise. Jennaan Qaallicha guddaan warra waahela isaa waliin dhufee, jaarrolee israa'eeli cufaa koraa walitti yaamee; duuba nama mana hidhaansaatti erganii, ergamtoota yaaman.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa kana dhagayan ganamaan ka'anii mana woyyuu seenanii barsiisan. Gadootaa fi worri isaan woliin turan ammo dhufanii, yaa'ii murtii ijoollee Israa'elootaa fi manguddoota maraa wolitti waamanii akka gara mana hidha'aa isaan fidan ergan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa kana dhagayan ganamaan ka'anii mana woyyuu seenanii barsiisan. Gadootaa fi worri isaan woliin turan ammoo dhufanii, yaa'ii murtii ijoollee Israa'elootaa fi manguddoota maraa wolitti waamanii akka gara mana hidha'aa isaan fidan ergan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ergamittoonni'llee ajaja isaa fudhatanii ganama obboro'oon gara Mana Waaqeffanna'aa aseenaniiti, barsiisuu jala ni qaban. Yeroo sanitti itti Gaafatamaan qeesotaatii fi worri isa woliin turan dhufanii miseensota yaa'iitii fi jaarsotii Yihudotaa mara, bakka tokko wolitti ni qaban, ergamittoota'llee akka isaan fidaniif namoota gara mana hidhaa ni ergan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan dubbii tana fudhatanee, akkuma latti bariiteen Galma Waaqaa seenanee barsiisuu jalqabane. Hayyichi guddaan worra isa gargaaranu woliin dhufee, miseensota kora mura'aatii fi jaarsota Yihudootaa wolitti waamee, ergantoota worra hidhamaneeranu san fichisiisu'uuf gara mana hidha'aa nama erge.