Acts 5:23 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Nuuti yennaa mana hidha'aa geenne, balbalti jabeeffantee cufantee, eeddoti balbala dura jiranuun dhaggine; ammoo yennaa balbala banne, namuu keessatti hin dhagginne” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nu mana hid'aansatiini baane, balbala hid'aansa qabdu agarre, askarti eedule agarre, ammo balbala banannaani nama tokole keesa d'amne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Nu mana hidhaansatiin baannee, balbala hidhaansa qabduufi, warra warra eeguullee ka balabal cufa irra ejaajju garree, ammoo balbala banannaan nama tokkoollee keessaa dhamne” jettee warraatti himte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Deebi'anii, «Manni hidha'aallee sirri'itti cufameera, worri eegullee balbala ka dhaabatan argine; hennaa mana hidhaa bannu ammo, nama tokkochallee keessatti hin argine» isaaniin jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Balbaltti mana hidhaa haalaan cufamee, eegiddonni'llee balbala durana dhaabatanii isaan arganne, balbala mana hidha'aa yeroo bannetti garuu, keessatti eennuun'llee hin arganne» jedhanii ni dubbatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Nuuti yennaa mana hidha'aa geenne, balbalti jabeeffantee cufantee, eeddoti balbala dura jiranuun dhaggine; ammoo yennaa balbala banne, namuu keessatti hin dhaggine» jedhane.