Acts 5:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Mootichi hayyootaatii fi dura bu'aan eeddota Galma Waaqaa yennaa waan kana dhage'ane, waan ergantoota irratti te'e baaseffatanee, waan godhanu wollaalane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gudda Mana Waaqatiifi qaaloleeni gugurdooni waan kana d'ageennaani waan ergattuuni taate guddo mamte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guddaa Mana Waaqaatii fi qaalloleen gugurdoon waan kana dhageennaan waan ergatootii taate guddoo mamte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajaan mana woyyu'uutii fi bulchoonni gadootaallee haga waan kana dhagayan hin beennu wonti kun maal ta'inna laata?» jedhanii waan isaanii maman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ajajaan mana woyyu'uutii fi bulchoonni gadootaallee waan kana haga dhagayan hin beenu wonti kun maal ta'inna laata? jedhanii waan isaanii maman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajaan wordiyyaa Mana Waaqeffanna'aatii fi itti gaafatamoonni qeesotaa kana yeroo dhagayanitti, «Wonitti kun maal ta'inna?» jechuun, dubbiin isaanii isaanitti bitaa ni ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooreyyiin hayyootaatii fi dura bu'aan eeddota Galma Waaqaa yennaa waan kana dhage'ane, waan ergantoota irratti te'e baaseffatanee, waan godhanu wollaalane.