Acts 5:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre dura bu'aan Galma Waaqaa worra isa woliin huju woliin dhaqee ergantoota fidee dhufe. Isaan kolbaan dhaka'aan nu tumti jedhanee waan sodaataneef, hunnaan hin finne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani namichi gudda Mana Waaqa askarti woliini ergattu fuud'u d'aqe, ammo irreeni infuune laanuma fuud'ani, wonti akanatiifi worri waan biyyiti d'akhaani d'aantu sehe sodaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan namichii guddaa Mana Waaqaa warra waraanaa waliin ergamtoota fuudhu dhaqee, ammoo irreen hinfuune laanuma fuudhan; wantii akkanaatiif warrii waan biyyitii dhakaan dhaantu sehee sodaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san ajajaan hojjattootaa isaan woliin deemee isaan fide. Haa ta'uu ammo baniin waan isaan tumuuf sodaatanii hunnaan isaan hin finne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san ajajaan hojjattootaa isaan woliin deemee isaan fide. Haata'uu ammoo baniin waan isaan tumuuf sodaatanii hunnaan isaan hin finne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bakkumatti itti gaafatamaan wordiyyoota Mana Waaqeffanna'aatii fi tajaajilttoonni isaa'llee dhaqanii isaan ni fidan, ka isaan fidan'llee huminnaan uduu hin ta'in, wolii galu'uun ture, kana'llee ka raawwatan ummanni dhaga'aan akka isaan hin woqarreef sodaachu'uun ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre dura bu'aan Galma Waaqaa worra isa woliin huju woliin dhaqee ergantoota fidee dhufe. Isaan kolbaan dhaka'aan nu tunti jedhanee waan sodaataneef, hunnaan hin finne.