Acts 5:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Akka isin maqaa Yesuusiitiin hin barsiinne, jabeessinee isin seerreerraayyu, ammoo waan hujjane ilaala'a! Barsiisa keessan Yerusaalem duudii keessa babadhittaneertan; du'a isaatille'eef worra itti gaafatamu nu godhiisa barbaaddan” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu ya aka isani maqa kanaani imbarsiimne isaniti seereeyu? Ammo isani ya Yerusalemu dubbi tanaani guuttani, ammalle d'iiga nama kana mata keenna ira kayu feetani!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Nu ya akka isan maqaa kanaan hinbarsiimne isaniitti seeree, isan ammoo Yerusaalem ya dubbii tanaan guuttani, ammallee dhiiga nama kanaa mataa keenna irra kaa'uu feetan!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Maqaa kanaan akka hin barsiifne jabeessinee isin hin seerree? Yerusaalemiin kunoo barumsa keessaniin guuttaniirtu; dhiiga nama sanii nu irratti fidu'uuf yaaddan!» jedhanii isaan gaafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Maqaa kanaan akka hin barsiifne, jabeessinee isin hin seerree? Yerusaaleemiin kunoo barumsa keessaniin guuttaniirtu; dhiiga nama sanii nurratti fidu'uuf yaaddan!» jedhanii isaan gaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Maqaa Yesusii waamu'uun akka hin barsiifnneef ciminnaan isin ajajinee turre, garuu kunoo, Yerusaalemiin barsiisa keessaniin guuttaniinii jirttan, isin du'a nama saniitiif itti gaafatamoota nu taasisu'uuf barbaaddan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Akka isin maqaa Yesuusiitiin hin barsiinne, jabeessinee isin seerreerraayyu, ammoo waan hujjane ilaala'a! Barsiisa keessan Yerusaalem duudii keessa babadhittaneertan; du'a isaatille'eef worra itti gaafatamu nu godhiisa barbaaddan» jedhe.