Acts 5:37 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma Yihudaan namichi Galiila'aa, bara kolbaan laakkowante ka'ee, namooti hedduun akka isa hordofanu godhe, ammoo innille ijjeefamee jennaan, hordofatooti isaa duudiin bittinnootte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi nama suni, bara maqa nama t'aafani kaani namichi Galilaya toko ka Yuda jed'ani, nama heddu ufiti yaame. Ammo isale ijeesani, ammalle nami isa gula yau ch'ufti gargari firfirfame.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii nama sunii, bara maqaa nama barreessan kaan namichii Galiilaa tokko ka Yihudaa jedhan, nama hedduu ufi gula yaamee, ammoo isaalee ijjeessanii, ammallee namii isa gula yaa'e cuftii gargarii bittinaa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa bara namoota laakkayan keessaa, Yihuudaan Galiila'aallee ka'ee namoota hedduu ufitti kutatee shifte. Innillee hin bade; worri isa woliin jiranillee maruu hin bittinnaayan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa bara namoota laakkayan keessaa, Yihuudaan Galiila'aallee ka'ee namoota hedduu ufitti kutatee shifte. Innillee hin bade. Worri isa woliin jirullee maruu hin bittinnaayan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Saniin duubatti'llee lakkoofssi ummataa bara taasfametti Yihudichi nama biyya Galiila'aa ka'ee, namoonni baayi'een akka isa horddofan taasisee ture, inni'llee ni ajjeefame, worri isa horddofan marri'llee ni bittinaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma Yihudaan namichi Galiila'aa, bara kolbaan laakkowante ka'ee, namooti hedduun akka isa hordofanu godhe, ammoo innille ijjeefamee jennaan, hordofattooti isaa duudiin bittinnootte.