Acts 5:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo ati hin gurgurin dura, latti teetumaa motii? Eega gurgurteen duuballe beeseen teetumaa motii? Maaf waan akkasii tolchiisaaf yaadatte ree? Ati Waaqa sodde malee, namaa moti” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi oobru suni ingurguriini tanteti, gurgurraanile horiini kanketi. Atini maafi garaa kanke keesati aka waan kana tolchitu qulqulte? Atini nama insoomne ammo Waaqa sobde!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Oobruun sun gaafa hingurguriniillee teeti, ammalee gurgurraaniillee horiin keetti. Atin maaf akka waan kana tolchittu garaa kankee keessatti herredde? Atin nama hinsobnee ammoo Waaqaa sobde!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu hin gurgurreen dura keetii mitii? Haga gurgurameen maayiillee keetumaa mitii? Waan kana maaf garaa kee keessatti yaadde? Rabbiin sobde malee namaa miti» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu hin gurgurreen dura keetii mii? Haga gurgurameen maayiillee keetumaa mii? Waan kana maaf garaa kee keessatti yaadde? Rabbiin sobde malee, namaa miti» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Uduu hin gurguriniin duranatti laftti keetuma hin turree? Eegaa gurgurtteen duubatti'llee qarshiin keetuma hin turre ree? eegaa, waan kana maali'iif onnee keetitti yaadde? ka sobdde Waaqa malee namaa miti.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo ati hin gurgurin dura, latti teetumaa motii? Eega gurgurteen duuballe beeseen teetumaa motii? Maaf waan akkasii tolchiisaaf yaadatte ree? Ati Waaqa sodde malee, namaa moti» jedheen.