Acts 5:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Pheexroos isi'iin, “Me natti himi, beeseen isin lafa teessan itti gurgurattane haguma kanaayyuu?” jedhee gaafate; Isiille deebittee, “Eeti, haguma kana” jetteen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Petroni waan isiini jed'e, Me nati himi, oobru suni woma kanati gurgurtani? Isiini waan jetteeni, Ee, woma suniti, gurgurre.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Phexros, “Mee natti himii, oobruu sun homa kanaatti gurgurtanii?” Jennaan Isiin, “Ee'ee homa suniitti, gurgurre” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroos deebi'ee, «Lafa teessan haganatti gurgurtanii? mee natti himi» isi'iin jedhe. Isiin, «Ee, haganumatti gurgurre» jetteen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroosillee deebi'ee, «Lafa teessan haganatti gurgurtanii, Mee natti himi?» isi'iin jedhe. Isiinillee, «Ee, haganumatti gurgurre» jetteen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros'llee, «Mee natti himi lafa keessan ka gurgurttan qarshima haganaa titti moo?» ni jedheen. Isiin'llee, «Ee! Qarshima haganaa titti gurgurre» jette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Pheexroos isi'iin, «Me natti himi, beeseen isin lafa teessan itti gurgurattane haguma kanaayyuu?» jedhee gaafate; Isiille deebittee, «Eeti, haguma kana» jetteen.