Acts 5:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Pheexroos isi'iin, “Atii fi Abbaan manaa keeti Ayyaana Gootta'aa haga ilaaliisaaf maaf wolii galtane? Namooti Abbaa manaa keeti awwaalane kunoo ammaa balbala dura jiran, isaan si'ille ba'atanee hin baasan” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Petroni waan jed'eeni, isani akami aka lubbu Aabbo sobdani wold'at'ani? Me ilaali, miili jara d'iirsa kanke awaale ammalle fulluma balbala jira, sile imfuud'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phexros ammoo, “Isan akkam akka Hafuura Aabboo sobdan walii galattan? Mee laalii, miilii jara dhiirsa kankee awwaalee ammallee fuluma balbalaa jiraa, sillee hinfuudhanii” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroos, «Maaf Ayyaana Goofta'aa sobu'uuf wolii galtan? worri abbaa manaa kee awwaale kunoo balbala jiran; sillee baatanii baasan» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroosillee, «Ayyaana Goofta'aa sobu'uuf maaf wolii galtan? worri abbaa manaa kee awwaale kunoo balbala jiran; sillee baatanii baasan» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kana Phexiros, «Hafuura Waaqaa qormaatu'uuf attamitti wolii galttan? Kunoo! Abbaa worraa kee awwaalanii namoonni deebi'an balbala ni jiran, si'llee fidanii haa awaalan» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Pheexroos isi'iin, «Atii fi Abbaan manaa keeti Ayyaana Gootta'aa haga ilaaliisaaf maaf wolii galtane? Namooti Abbaa manaa keeti awwaalane kunoo ammaa balbala dura jiran, isaan si'ille ba'atanee hin baasan» jedhe.