Acts 6:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa diqqo'oon duuba laakkossi barattootaa akkuma heddataa deemeen, Yihudooti afaan Giriikii dubbatanu Yihudoota biyya Yihuda'aatitti dhalatane irratti gungumane; haadhotiin hiyyeessaa ta Yihudoota afaan Giriikii dubbatanuu, gargaasa guyyaa guyya'atti dhaggataa turane waan dagatamaneef gungumane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni jari Yeso heddannaani worra afaani Griki dubbatufi ka afaani Ebrania dubbatu wold'abani. Jari afaani Griki dubbatu nad'eeni teenna ta d'iirsowani iraa raawate, qooda sagale ka guyya ch'ufa keesati aka dansa inqorqoratani jed'e himate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii sun jarii Yesus heddannaan warra afaan Griikii dubbatuu fi ka afaan Hibruu dubbatu waldhabe. Jarii afaan Griikii dubbatu nadheen teenna ta dhiirsowwan irraa raawwatte, qooda sagalee ka guyyaa cufaa keessatti akka dansaa hinqorqoratan jedhee himate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara san keessa darasoonni eda'a'aa deeman; Yihuudonni biyya Giriikiitii dhufan Yihuudota Yihuudaa keessa jiraatanitti guunguman. Tajaajila guyya guyya'aan hojjattama'aa ture keessatti isaan dubartoota abbaa worraa hin qabne waan dagataniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bara san keessa darasoonni eda'a'aa deeman, Yihuudonni biyya Giriikiitii dhufan, Yihuudota Yihuudaa keessa jiraatanitti guuguman. Tajaajila guyya guyya'aan hojjattama'aa ture keessatti haadha hiyyeeyyii isaanii waan dagataniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo muraasaan duubatti lakkofssi amanttootaa baayi'ataa yoo deemu, afaan worra Giriiki'ii Yihudonni dubbatan namoota biyya Yihuda'aa ka ta'an ka ta'an irratti, guungumuu jala ni qaban, ka guungumaaniif'llee gargaarssa guyyaa guyyaan ni qoodama tureen, dubbarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'anitti shilla jedhan waan turaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa diqqo'oon duuba laakkossi barattootaa akkuma heddataa deemeen, Yihudooti afaan Giriikii dubbatanu Yihudoota biyya Yihuda'aatitti dhalatane irratti gungumane; haadhotiin hiyyeessaa ta Yihudoota afaan Giriikii dubbatanuu, qarqaarsa guyyaa guyya'atti dhaggataa turane waan dagatamaneef gungumane.