Acts 6:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan, “Dubbii Muuse'ee fi Waaqa faanshessitu isaa dubbatu dhageenneerra” akka jedhanuuf namoota dhossa'aan itti tirtirsane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi jara toko gumbeesani waan jed'aniini, Nu namicha kana ka Musafi Waaqa arabsu, d'ageenne jed'a namati odeesa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan jara tokko, akka warrii “Nu namicha kana ka Muusee fi Waaqaa arrabsu, dhageenne” jedhee namaatti odeessuu dhossaan gumbeessan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoota hennaa inni, «Muuse'ee fi Rabbiin arrabsu dhageenneerra» jedhan isa irratti kakkaasan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa inni, «Muuse'ee fi Rabbiin arrabsu dhageenneera» namoota jedhan isa irratti kakkaasan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti, «Naminni kun Muse'ee fi Waaqa irratti'llee dubbii arrabaa yoo dubbatu dhageenneenii jirra» namoota jedhan, dhossa'aan itti ni kakaasan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan, «Dubbii Muuse'ee fi Waaqa faanshessitu isaa dubbatu dhageenneerra» akka jedhanuuf namoota dhossa'aan itti tirtirsane.