Acts 6:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma kanaan isaan kolbaa, jarsole'ee fi barsiisota Seera Muuse'ee itti tirtisanee, Isxifaanos qabanee fuudhanee kora mura'aa dura dhikeessane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri gumifi jaarolefi jara Seera beekhu iti kaase, d'ufani Stefano qabani, gara jaarole kora geesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii gumii, jaarrolee fi jara seera beeku itti kaasee, dhufanii Isxifaanos qabanii, gara jaarrolee koraa geessan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii, manguddootaa fi barsiisota Seera Muuse'ee aarsanii itti dhiyaatanii isa qabanii gara gumi'ii fidanii,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Banii, manguddootaa fi barsiisota Seera Muuse'ee aarsaniiti itti dhiyaatanii isa qabanii gara gumi'ii fidanii,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bifa kanaan ummataa fi jaarsotii, barsiisota seeraa'llee, isa irratti ni kakaasan, gara Isxifaanosiin'llee dhaqaniiti, qabanii yaa'ii duratti ni dhiyeessaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma kanaan isaan kolbaa, jaarsole'ee fi barsiisota Seera Muuse'ee itti tirtisanee, Isxifaanos qabanee fuudhanee kora mura'aa dura dhikeessane.