Acts 6:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba isaan namoota garii ka dharaan dhugaa isa irratti bayanu fidane. Dhugaa baatoti dharaa tuun, “Namichi kun, Galma Waaqaa woyyicha keennaa fi Seera Muuse'ee irratti yennaa mara morma.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama d'ara dubbatu barbaadani waan jed'aniini, namichi kunini dubbi hamtu Mana Waaqa qulqullo kanaafi waan Seera Musale dubbachu illakimne jed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama dharaan naqaashii itti ta'u barbaadanii, namii dharaa kaan ammoo “Namichii kunin dubbii hamtuu Mana Waaqaa qulqulloo kanaatii fi waan seera Muuseellee dubbachuu hinlakimne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Namni kun bakka qulqulluu kanaa fi seerallee arrabsuu dhiisuu dide.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Namni kun bakka qulqulluu kanaaf seerallee arrabsuu dhiisuu dide.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isa irratti dharaan ragaa ka bayan namoota tokko tokko'llee ni fidan, ragoonni dharaa'llee akkana ni jedhan, «Naminni kun Mana Waaqeffanna'aa kanaa fi seera irratti'llee, dubbii arrabaa dubbachuu irraa ufi hin dhooggu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba isaan namoota garii ka dharaan dhugaa isa irratti bayanu fidane. Dhugaa baatoti dharaa tuun, «Namichi kun, Galma Waaqaa woyyicha keennaa fi Seera Muuse'ee irratti yennaa mara morma.