Acts 6:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
‘Yesuusiin nama Naaziretii Galma Waaqaa hin diiga, aadaa Muusee irraa gad nu'uuf dhuttelle duudii hin jijjiira’ jedhuun dhageenneerra” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu ya d'ageenne aka inni, Yesoni Nazareti mana qulqullo kana balleese aada Musani nuu kenne tana garagalcha jed'u!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu akka innii, Yesus Naazireet kun mana qulqulloo kana balleessee aadaa Muuseen nuu kenne tana garagalcha jedhu ya dhageenne!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni hennaa ‹Yesuusiin Naazireetii hulee kana diigee Seera Muuseen nuu dabarsellee hin jijjiira› jedhu dhageenneerra; worra jedhan ragaa sobaa dhiyeessan.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
‹Yesuusiin Naazireetii hulee kana diigee, Seera Muuseen nuu dabarsellee hin jijjirra› hennaa inni jedhu dhageenneerra, worra jedhan ragaa sobaa dhiyeessan»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana, ‹Yesusiin Naazireetii kun Mana Waaqaa Qulqulluu kana ni diiga, naamusa Museen nuuf dabarsse'llee ni jijjiira› jedhee yoo dubbatu, isa dhageennee jira.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Yesuusiin nama Naaziretii Galma Waaqaa hin diiga, aadaa Muusee irraa gad nu'uuf dhuttelle duudii hin jijjiira› jedhuun dhageenneerra» jedhane.