Acts 6:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Kora mura'aa keessa tee'eeru duudiin hubatanee Isxifaanos yennaa ilaalanu, fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqaa te'ee dhaggane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami kora keesa jiru ch'ufti ila Stefanoti qabe, fuula isaa ka aka fuula malaika fakaatu argani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii kora keessa jiru cuftii ila Isxifaanosiitti qabee, fuula isaa ka akka fuula ergamaa Waaqaa fakkaatu arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri yaa'ii murti'ii taa'aniiran maruu xiinxallanii hennaa laalan fuulli isaa akka fuula Maleekka'aa ta'ee argan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri yaa'ii murti'ii taa'aniiran maruu xiinxallanii hennaa laalan fuulli isaa akka fuula Maleekka'aa ta'ee argan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kanatti bakka yaa'ii titti ka argaman marrinuu Isxifaanosiin guutatanii yoo laalaniin, fuulli isaa akka fuula maleeyikkaa ta'ee, isaanitti ni muldhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Kora mura'aa keessa tee'eeru duudiin hubatanee Isxifaanos yennaa ilaalanu, fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqaa te'ee dhaggane.