Acts 6:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre ergantooti kudhanii lama dhugeeffatoota duudii wolitti waamanee, “Nuuti sagalee qoodiisaaf jennee Jecha Waaqaa lallabiisa irraanfatuun nu'uuf hin malle.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi jari kud'ani lamaani kaani gumi ch'ufa wolti yaame waan jed'eeni, Aki nu Dubbi Waaqa lakimne nama gololchinu fuulaaniti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf jarii kudhanii lamaan kaan gumiii dhugeeffatte cufaa walti yaamee, “Akkii nu dubbii Waaqaa lakkimnee nama gololchinu fuulaaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoonni kudha lamaanuu amantoota maraa waamanii akkana isaaniin jedhan, «Dubbii Rabbii dhiifnee tajaajila dhiyanaa kennuun waan hin taane.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoonni kudha lamaanuu amantoota maraa waamanii akkana isaaniin jedhan; «Dubbii Rabbii dhiifnee tajaajila dhiyanaa kennuun waan hin taane.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf ergamittoonni kudha lamaan amanttoota maraa wolitti qabanii, akkana isaaniin jedhan, «Nyaata qoodu'uuf jennee hujii keenna ka dubbii Waaqaa barsiisu'uu, dhiisuun nuun hin malu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre ergantooti kudhanii lama dhugeeffattoota duudii wolitti waamanee, «Nuuti sagalee qoodiisaaf jennee Jecha Waaqaa lallabiisa irraanfatuun nu'uuf hin malle.