Acts 6:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami duudiin yaada ergantootaa jaallatee, Isxifaanos ka jedhamu dhugeeffanna'aa fi Ayyanni Woyyichi ka keessa guute filane; akkasuma Filiphoosii fi Phirokoros, Niqaaroona'aa fi Ximoonaa, Pharmena'aa fi Niqolaawosii nama biyya Anxokiya'aa ka dhugeeffannaa Yihudootaa dur fudhateerulle filane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbini tuni gumi ch'ufa gammachiifte, Stefano ka d'ugefachaafi Lubbu Qulqullooni guutame fohatani, ammalle Filipofi Prokorofi Nikanorifi Timonifi Parmenafi Nikolao, ka Antiokia, ka aada Yahuditi gale fohatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dubbiin tun gumii cufa gammachiiftee, Isxifaanos ka dhugeeffachaa fi Hafuura Qulqulloon guutame foohatan, ammallee Filiphos, Phrokoros, Niqaanoor, Ximoonaa, Pharmenaa fi Niqolaawos nama biyya Anxokiyaa, ka aadaa Yihudiitti gale foohatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbiin kun banii maraa hin gammachiise. Nama amanti'ii fi Ayyaana Woyyu'uun guuttame Isxifaanos, Filiphoosiin, Phiroqoroosiin, Niqaaroniin, Ximonanii, Pherime'ee fi ka gara Yihuudumma'aa galee ture Anxookiyootaa fi Niqolaawonosiin filatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubbiin kun banii maraa hin gammachiise. Nama amanti'ii fi Ayyaana Woyyu'uun guuttame Isxifaanoos, Filiphoosiin, Phiroqorosiin, Niqaaroniin, Ximonanii, Pherime'ee fi ka gara Yihuudumma'aa galee ture Anxookiyootaa fi Niqolaawonosiin filatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jechi kun maraa ni gammachiise, namoonni itti anaanii jiran'llee ni filataman, isaan'llee amantii fi Hafuura Qulqullu'uun ka guuttame Isxifaanos, Filiphos, Phirokoos, Niqaaronaa, Pharmenaa fi Phermenaa amantii Yihudotaa fudhatee ka ture, Niqolaawosii fi Anxookiyaa fa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami duudiin yaada ergantootaa jaalatee, Isxifaanos ka jedhamu dhugeeffanna'aa fi Ayyaanni Woyyichi ka keessa guute filane; akkasuma Filiphoosii fi Phirokoros, Niqaaroona'aa fi Ximoonaa, Pharmena'aa fi Niqolaawosii nama biyya Anxokiya'aa ka dhugeeffannaa Yihudootaa dur fudhateerulle filane.