Acts 7:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
rakkoo mara keessalle'ee isa baase. Yoseef mooticha lafa Gibxi'ii Fara'oon dura yennaa dhikaate, Waaqi arnyaa fi qarooma isaaf kenne; mootichille bulchaa biyya Gibxi'iitii fi ajajaa qabeenna mana ifii isa godhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
gaargala isaa ch'ufa nagayaani keesaa baase. Yusufuni Farao hayyu Misiri dura d'umnaani, Waaqi adaba dansaafi qalbi kenneefi. Faraoni Yusufu lafa Misiritiifi worra isaaleti jaallaba tolche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
gaargala isaa cufa nagaan keesaa baase. Yoseef hayyuu Gibxiii Fara'oon dura dhumnaan, Waaqii adaba dansaa fi qalbii kenneef. Fara'oon Yoseef lafa Gibxiitii fi warra ufiilleetti bulchaa tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rakkinna maraa keessaa isa baasee mootii Misirii afoo Fari'ooniititti gaachenaa fi ogummaa kenneef; Misirii fi mana isaa maraa irrattillee ajaja'aa fi bulchaa jaalatame godhee isa muude.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rakkinna maraa keessaa isa baaseenii mootii Misirii afoo Fari'ooniititti gaacheenaa fi ogummaa kenneef, Misirii fi mana isaa maraa irrattillee ajaja'aa fi bulchaa jaalatame godhee isa muude.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
rakkinna isaa mara keessaa ni baaseen, nugusa Gibixii Fara'ooniin duranatti'llee, gaachenaa fi ogummaa ni kenneef. Nugusichi'llee Gibixii fi mana isaa mara irratti ajajaa ni taasiseen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
rakkoo mara keessalle'ee isa baase. Yoseef mooticha lafa Gibxi'ii Fara'oon dura yennaa dhikaate, Waaqi arnyaa fi qarooma isaaf kenne; mootichille bulchaa biyya Gibxi'iitii fi ajajaa qabeenna mana ifii isa godhe.