Acts 7:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa isaan lammeessoo dhaqane, Yoseef eennummaa ifii obboleeyyan ifiititti hime; mootichi biyya Gibxi'iille maatii Yoseefii beeke.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Imaltu lameeso keesa, Yusufuni oboleyaani ufii ufi beesise, Faraoleeni worra Yusufu fuula barate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Himaltuu lameessoo keessa, Yoseef obboleeyyan ufii ufi beesise, Fara'ooniilleen warra Yoseef fuula barate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa isaan deebi'anii gara Misirii dhaqan Yooseef eennummaa ufii obboleeyyan ufiititti hime. Fiixaan Yooseefiillee Fari'ooniin biratti beekkame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa isaan deebi'anii gara Misirii dhaqan; Yooseef eennummaa ufii obboleeyyan ufiititti hime. Fiixaan Yooseefillee Fari'ooniin biratti beekkame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Deebi'anii gara biyya Gibixii yeroo deemanitti, Yooseef obboleeyyan isaa titti ni muldhate, maatii isaa'llee Fara'ooniin biratti ni beekkame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa isaan lammeessoo dhaqane, Yoseef eennummaa ifii obboleeyyan ifiititti hime; mootichi biyya Gibxi'iille maatii Yoseefii beeke.