Acts 7:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Mootichi kun abbootii teenna gowwoonsee gadhaa itti jabaatee, daa'immaan isaanii akka duutuuf, ala baasanee akka gatanu dirqansiise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni gosa teenna sobe, ababoota teenna gaargalche, ijoolle didiqo alati gata ha hobaatu jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii gosa teenna sobee, ijoollee didiqqoo akka hobaatu alaatti gataa jedhee ababoota teenna gaargalche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee worra keenna miidha'aa daa'imman akka jireennaan hin jiraanne gara diidaa akka gatan godhee abbootii teenna rakkise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee worra keenna miidha'aati da'imman jireennaan akka hin jiraanne gara diidaa akka gatan godhee abbootii teenna rakkise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nugufnni haarofnni ummata keenna irratti hammeennaan ka'ee, abbootii keenna gad qabuu jala ni qabe, daa'imman isaanii'llee akka du'anii fi gara alaa baasanii akka isaan gataniif, abbootii keenna ni dirqamsiiseen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi kun abbootii teenna gowwoonsee gadhaa itti jabaatee, daa'immaan isaanii akka duutuuf, ala baasanee akka gatanu dirqansiise.