Acts 7:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Bara san Muuseen dhalate; inni daa'ima shaggicha; haga ji'a sadii mana abbaa ifii keessatti guddate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara suni Musani d'alate, inni guddo mid'aaga, haga jia sadi mana abba ufi keesati d'ossaani guddate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bara sun Museen dhalate; innii guddoo midhaagaa, haga ji'a sadii mana abbaa isaa keessatti dhossaanii eegan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Muuseen dhalate. Innillee Rabbiin afo'otti bareedaa ture. Mana abba'aa keessallee ji'a sadihi jiraate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san Muuseen dhalate. Innillee Rabbiin afo'otti bareedaa ture. Mana abba'aa keessallee ji'a sadihii jiraate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Museen ni dhalate, inni'llee Waaqa duranatti daa'ima bareede ture, ji'a sadihiif mana abbaa isaa titti ni guddate,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara san Muuseen dhalate; inni daa'ima shaggicha; haga ji'a sadii mana abbaa ifii keessatti guddate.