Acts 7:30 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Woggaa afurtamaan duuba, lafa goomole'ee keessatti Gaara Siina'aa biratti bobe'a tusee gabbattuu keessatti, ergamaan Waaqaa Muuse'etti mudhate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi ganna afurtama, diida gaara Sinai keesati, malaikaani Aabbo Musati mullatte, gurbi bobeetu toko keesa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ganna afurtamaan, duuba diida gaara Siinaatti, gurbii akka ibiddaa bobeettu tokko keessatti ergamaan Aabboo Museetti mullate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woggaa afurtamaan maayii Maleekkaan Goofta'aa gaara Siina'aa ka lafa udume'ee biratti saatoo gubatu keessaan arraba ibiddaatiin itti mudhate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Woggaa afurtamaan maayii Maleekkaan Goofta'aa gaara Siina'aa ka lafa udume'ee biratti saatoo gubatu keessaan arraba ibiddaatiin itti mudhate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Museen biyya sanitti woggaa afurtamaa eega dabarseen duubatti gammoojjii Siina'aa titti, arraba ibiddaa ximirroo keessaan bobayuu keessaan, maleyikkaan tokko itti ni muldhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Woggaa afurtamaan duuba, lafa goomole'ee keessatti Gaara Siina'aa biratti bobe'a tusee gabbattuu keessatti, ergamaan Waaqaa Muuse'etti mudhate.