Acts 7:33 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Goottaan Muuse'een, ‘Addeen ati dhaabbateertu lafa woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabbooni waan isaani jed'e, Kopele yaafad'u, fullaani atini ejitu tunini fulla qulqullo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Aabboon isaan, ‘Waan fulaan atin ejjitu tunin qulqulloo taateef kopheelee miilaa yaafadhu!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gooftaanillee, ‹Bakki dhaabatteertu bakka woyyoomte waan taateef kophee luka keetii baafadhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gooftaanillee, ‹Bakki dhaabatteertu bakka qulqulloofte waan taateef kophee luka keetii baafadhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gooftaan'llee akkana ni jedheen, bakkeen irra dhaabatte kun arddii qulqullaaye waan ta'eef, kophee kee baafadhu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan Muuse'een, ‹Addeen ati dhaabbatteertu lafa woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu.