Acts 7:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani dhugumaan rakkinna kolbaa tiyyaa ta biyya Gibxi'ii keessaa dhaggeera. Ani iyya isaanii dhage'eera; isaan bilisa baasiisaafille gad dhufeera. Amma koyi; ani gara biyya Gibxi'ii si ergaara’ jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini gaargala jara kiyya, ka lafa Misiri keesa jiru, yayu arge, aka worri nati waakhu d'agaye baasu d'ufe. Amma kooti, anini lafa Misiriti sii erga.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin gaargala warra kiyya, ka lafa Gibxii keessa jiruu, yaayyuu argee, akka warrii natti waaku dhaga'ee baasuuf dhufee, amma koottii, anin lafa Gibxiitti si ergaa’ jedheen.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rakkinna banii kiyyaa ka Misiriin keessa jiran maraa argeera; iyyansa isaanii dhagayu'uuf bu'eera; ammallee koottu gara Misirii si ergaa› jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rakkinna banii kiyyaa ka Misiriin keessa jiran maraa argeera; iyyansa isaanii dhagayu'uuf bu'eera; ammallee koottu gara Misirii si ergaa› jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
biyya Gibxii ka jiru rakkinna cimaa ummata kiyyaa dhugamaanuu argee jira, iyya isaanii ka sarddamaa'llee dhagayee jira, kanaaf isaan fayyisu'uuf bu'ee jira, amma'llee koottu! An gara Gibixii titti si'i ni erga.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani dhugumaan rakkinna kolbaa tiyyaa ta biyya Gibxi'ii keessaa dhaggeera. Ani iyya isaanii dhage'eera; isaan bilisa baasiisaafille gad dhufeera. Amma koy; ani gara biyya Gibxi'ii si ergaara› jedhe.