Acts 7:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Kolbaan Israa'elii Muuse'een, ‘Nu irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe?’ jettee isa jibbiteertiiyyu. Te'uu malee Waaqi Muusuma kana karaa ergamaa Waaqaa ka tusee keessatti itti mudhateetiin, bulcha'aa fi ka bilisa baasu godhee gara isaanii erge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi gumiini Israeli didde Musa. Worri waan jed'eeni, Eenuti gudda keennafi jaallaba si tolche? Nami Waaqi aka inni gudda gumi suni tahe, qarqaarsa malaika gurbi bobeetu keesa isati mullateni worraa baase isuma;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Museen kun kama gumii Israa'eli, ‘Eenuutti guddaa keennaa fi jaallaba keenna si tolche?’ jettee didde kaan; Namii Waaqii akka innii guddaa gumii sunii ta'ee, qarqaarsa ergamaa gurbii akka ibiddaa bobeettu keessaa isaatti mullateen warraa baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulcha'aa fi abbaa murte'ee akka taatu eentu si muude? jedhanii Muusema ganan kana Rabbi karaa maleekka'aatiin saatoo keessatti itti mudhatee muudama'aa fi furaa taasisee isa erge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulcha'aa fi abbaa murte'ee akka taatu eentu si muudee? jedhanii Muusema ganan kana Rabbi karaa maleekka'aatiin saatoo keessatti itti mudhatee, muudama'aa fi furaa taasisee isa erge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ummanni Israa'eelii Muse'een, ‹nu irratti bulicha'aa fi murtii kennaa akka taatu ka si taasise eennu?› jechu'uun, ni mormmaniin turan, haa ta'u malee Waaqinni Musee kana ibidda ximmiro'oo keessaan karaa maleyikkicha itti muldhateetiin, bita'aa fi bilisa baasaa isa taasisee, gara isaanii ni ergeen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Kolbaan Israa'elii Muuse'een, ‹Nu irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe?› jettee isa jibbiteertiiyyu. Te'uu malee Waaqi Muusuma kana karaa ergamaa Waaqaa ka tusee keessatti itti mudhateetiin, bulcha'aa fi ka bilisa baasu godhee gara isaanii erge.