Acts 7:37 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
‘Waaqi akkuma ana kaase, raagaa tokko odduu teessaniinuu isiniif hin kaasa’ jedhe ka dubbate Muusuma kana.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi gumi Israelitiini, Waaqi isanuma keesa raaga aka kiyya isanii erga jed'e Musa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Muusuma kana, ka gumiii Israa'elitin, ‘Waaqii isanuma keessa raaga akka kiyyaa isanii erga’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni kun ijoollee Israa'eliitiif, ‹Rabbi obboleeyyan keessaa, raaga akka kiyyaa isinii kennaa isa dhagayaa'a› jedhee namni isaanitti dubbate Muusema kana.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni kun ijoollee Isiraa'eliitiif, ‹Rabbi obboleeyyan keessaa, raaga akka kiyyaa isinii kenna› isa dhagayaa'a jedhee namni isaanitti dubbate Muusema kana.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
‹Gooftaan Waaqinni keessan akkuma ana akkuma kana obboleeyyan keessaan jiddu'uu, nabiyyii isiniif ni kaasa› jedhee, Israa'eelootatti ka dubbate, Musema kana ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Waaqi akkuma na kaase, raagaa tokko odduu teessaniinuu isiniif hin kaasa› jedhe ka dubbate Muusuma kana.