Acts 7:41 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san isaan waaqa dharaa jabbii fakkeessanee hujanee, ciincaa dhikeessaneef; waan hujane sanitti gammadane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba artuma worri korma worqi mid'aase, sorio baaseefi waan harki worraa mid'aase suni jila tolche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba artumaatti warrii waan akka yabbii midhaasee, sooriyoo baaseefii waan harkii warraa midhaase sunii jila tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san keessa waaqa tolfamaa ka waatii irraa tolfame fakkeessanii hojjatanii, waaqa tolfamaa sanii ciincaa dhiyeessanii, hujii harka ufiititti gammadan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san keessa waaqa tolfamaa ka waatii irraa tolfame fakkeessanii hojjatanii, waaqa tolfamaa sanii ciincaa dhiyeessanii, hujii harka ufiititti gammadan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti fakkeenna waati'iitiin Waaqa harkaan hojjatame hojjatanii kitimaa ni dhiyeessaniif, hujii harka isaaniitiin'llee ni gammadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san isaan waaqa dharaa jabbii fakkeessanee hujanee, ciincaa dhikeessaneef; waan hujane sanitti gammadane.